Xalayaa mata dureen isaa “Health Care Notice jedhu argattu.” Ykn ammoo akkas jedha:
Namoonni biroo mana keessan keessa jiran sagantaalee biroof ulaagaa yoo guutan, beeksisni sun odeeffannoo ulaagaa guutuu sanas ni dabalata
Erga mirkanaa'ee MinnesotaCare erga eeyyamamee, inshuraansiin kan eegalu baatii isa premium ittikaffaltanitti haanee kanjiru irraa eegala yoo kaffaluu qabaattan. Yoo kaffaltiin premium keessan $0 agarsiisa ta’e gara sadarkaa 3ffaatti darbaa.
Guyyaa hojii isa numaa kan baatii itti premium kaffaltan waaree irratti bilii keessan kaffaluu qabdu akka insuraansiin keessan baatii itti aanutti hojiirra ooluuf. Bilii keessan kaffaluu dandeessu:
Fakkeenya waraqaa kaffaltii ji’a jalqabaa:
MinnesotaCare eeguu itti fufuuf, ji’a ji’aan kaffaltii kaffalamuu qabu kaffaluu qabdu. Ji'a ji'aan naannoo guyyaa 15tti raawwatamuu qaba. Kaffaltiin sa’aatii 5:00 p.m. ykn guyyaa ayyaanaa ykn dhuma torbaniitti kaffalame guyyaa hojii itti aanutti galii taasifama.
Namoonni galmaa’an tokko tokko baraarsa MinnesotaCare isaanii karaa karoora fayyaa argatu. Karoorri fayyaa kunis:
Yoo miseensa karoora fayyaa taatan, waraqaa eenyummaa kan biraa poostaadhaan argattu, inni kun karoora fayyaa keessan irraa argama. Tajaajila baay’eedhaaf gara hakiimota, ogeeyyii ilkaanii fi dhiyeessitoota biroo kanneen networkii karoora fayyaa keessanii keessa jiranii dhaquu qabdu. Your Hojjettoonni miseensa tajaajila karoora fayyaa keessanii dhiyeessaa akka argattan isin gargaaruu danda’u. Yoo ogeessa fayyaa arguun isin barbaachise, karoora fayyaa keessan qunnamuudhaaf osoo hin deemin dura bakka biraatti ergamuun isin barbaachisuu isaa gaafadhaa. Waa’ee uwwisa karaa karoora fayyaa keessanii caalaatti baradhaa.
Yoo miseensa karoora fayyaa hin taane, uwwisa “kaffaltii tajaajilaaf” jedhamu qabaattu. Kana jechuun gara doktooraa, ogeessa ilkaanii ykn dhiyeessaa biroo kamiyyuu Galmee Dhiyeessitootaa kana keessa jiru dhaquu dandeessu. Dhiyeessitoonni kun hundi baraarsa keessan ni fudhatu. Akkasumas gargaarsa dhiyeessaa argachuuf wiirtuu bilbilaa Deeggarsa Fayyadamtoota Eegumsa Fayyaa bilbiluu dandeessu.
Waa’ee “uwwisa “kaffaltii tajaajilaaf” caalaatti baradhaa.