Af Soomaali | English | Español
Namni Minnesotaa keessa jiraatu marti tasgabbii sammuu kan inshuraansii fayyaa waliin dhufu argachuun isaaf mala. Inshuraansiin fayyaa akka isin fayyaa taatanii fi jireenya keessan guutummaatti akka jiraattaniif isin gargaara. Akkasumas yoo dhukkubsattan ykn miidhaan isin irra gahu baasii guddaaf saaxilamuu irraa isin oolcha.
MinnesotaCare namoota filannoo inshuraansii fayyaa biroo hin qabne kanneen Minnesota keessa jiraataniif inshuraansii fayyaa bilisaa ykn gatii gadi aanaadhaan ni kenna. Haalli immigireeshinii keessanii raklkoo hin qabu. Iyyattoonni daangaa galii fi uulaagaawwan kan biroo guutuu qabu. Namni martuu iyyachuuf (Iyyadhaa) ni simatama.
Iyyannoowwa n 24/7/365 ni fudhatama. Iyyachuuf yeroon xumuraa hin jiru, galmee irrattis daangaa hin qabu.
MinnesotaCare kaffaltii inni isin gargaaru
Kunuunsa idilee
- Daawwannaa doktoraa
- Tajaajila fayyaa sammuu fi amalaa
- Qorannoo ijaa fi kishaafaa
- Yaala ilkaanii fi hojimaata tokko tokko
- Meeshaalee yaalaa (fkn, kan ittiin deemamu)
- Qoricha
- Tajaajilawwan x-ray fi laabiraatoorii
- Qoricha kan dhibee buusaa lafee (Chiropractic) fi yaala fayyaa karaa limmoo (acupuncture)
Kunuunsa ittisaa
- Qormaata fayyaa qaamaa waggaa waggaadhaan
- Sakatta’iinsa fayyuummaa
- Talaallii fi ittisa dhibee
- Kunuunsa ulfaa fi tajaajiala dubarti ulfaatiif taasifamu (doulas)
- Karoora maatii (fkn, to’annoo da’umsaa)
- Maamoogiraamii, qorannoo piroosteetii fi qorannoo kaansarii biroo
Kunuunsa Ogeessa-Fayyaa
- Dandamannaa (wal’aansa hojii, qaamaa fi dubbii)
- Tajaajila itti fayyadama waantotaa
- Qorannoo fayyummaa gogaa qaamaa (Dermatology)
- Baqaqsanii hodhuu (Surgery)
- Tajaajila koorniyaa mirkaneessu
- Sagantaa barnoota dhuunfaa manneen barnootaa keessatti
Kunuunsa Yeroo Muddamaa
- Kunuunsa yeroo hatattamaa
- Tajaajila Ambuulaansii
- Kutaa yeroo muddamaa