skip to content
Primary navigation

Ani ulaagaa nan guutaa?

Af Soomaali | English | Español

Ulaagaa kan guuttan yoo:

  • Minnesota keessa kan jiraattan ta'e.
  • Daangaa galii kan guuttan ta'e.
  • Filannoo inshuraansii fayyaa kan biroo dhabuu. Hojiin keessan inshuuraansii fayyaa yoo isiniif kenne, inshuuraansii hojii keessan irraa argamu isiniif baay’ee mi'aa yoo ta’e ammas ulaagaa guutuu dandeessu.

question-icon

Ulaagaalee kunneen yoo guuttan iyyachuu qabdu.

Baay’ina Miseensa  maatii Galiin waggaa qixa ykn isaa gadi
Nama 1 $30,120
Nama 2 $40,880
Nama 3 $51,640
Nama 4 $62,400
Nama 5 $73,160
Nama 6 $83,920
Nama 7 $94,680
Nama 8 $105,440
 

Fakkeenya namoota ulaagaa guutuu danda’anii

carlos_640x360.

Carlos

  • Carlos umuriin isaa 67.
  • U.S. erga seenee booda hayyama malee Minnesota jiraata. Waraqaa immigireeshinii hin qabu.
  • Gaa'elas ijoollees hin qabu.
  • Ji'atti $1,500, ykn waggaatti $18,000 argata.
  • Inshuraansii hin qabu, hojiin isaas inshuraansii fayyaa hin dhiheessu.
  • Tarkaanfii  itti aanu: Iyyannoo guutaa (Complete an application).
fatima-ibrahim_640x360

Fatima and Ibrahim

  • Fatima fi Ibrahim lamaan isaanii iyyuu umurii 45.
  • Minnesota keessa kan jiraatan yoo ta'u, lamaan isaanii iyyuu waraqaa immigireeshinii hin qaban.
  • Isaan gaa’ela kan qabaniifi ijoollee lama kan qaban yoo ta’u, lamaan isaanii iyyuu lammiilee U.S. yoo ta’an, duraanuu uwwisa Gargaarsa Fayyaa ni argatu.
  • Galiin maatii isaanii waggaatti $ 60,000 dha.
  • Hojjechiistonni isaanii inshuraansii fayyaa maatii humni isaanii danda'u kan kennamu hin jiru. 
  • Tarkaanfii itti aanu: Maatiidhaaf inshuraansii gaafachuuf gargaarsa argachuuf navigeetera (navigator) ykn kaawuntii (county) keessanitti bilbilaa.  Toora interneetii irratti  iyyata hin dhiheessinaa – inshuuraansii ijoollee keessaniitiif siistemii keessaa  duraanuu keezii ni qabdu waan ta'eef.
 
paul-nadine_640x360

Paul and Nadine

  • Paul fi Nadine lamaan isaanii iyyuu waggaa 26.
  • Minnesota keessa kan jiraatan yoo ta'u, lamaan isaanii iyyuu waraqaa immigireeshinii hin qaban.
  • Gaa'ela kan qabaniifi ijoollee lama kan qaban yoo ta'u, lamaan isaanii iyyuu lammiilee U.S. dha.
  • Waggaatti $62,000 argatu.
  • Hojjechiistonni isaanii inshuraansii fayyaa maatii humni isaanii danda'u kan kennamu hin jiru. 
  • Tarkaanfii itti aanu: Miseensota maatii arfan hundaaf iyyata guutaa (Complete an application).
amari_640x360

Amari

  • Amari umuriin isaa 21.
  • Minnesota jiraatu erga Viizaan isaan ittiin  gara Ameerikaa dhufan, yeroon isaa darbee booda.
  • Ji'atti $2,500 ykn waggaatti $30,000 argatu.
  • Tarkaanfii itti aanu: Iyyata guutaa (Complete an application
 
ana_640x360

Ana

  • Ana umuriin ishee 35.
  • Minnesota keessa kan jiraattu yoo ta’u, Deferred Action for Childhood Arrivals (DACA) kan  fudhattuudha.
  • Hin heerumne, ijoollees hin qabdu. 
  • Ji'atti $2,500, ykn waggaatti $30,000 argatti.
  • Inshuraansii hin qabdu, hojiin ishees inshuraansii hin dhiheessu.
  • Tarkaanfii itti aanu: Fudhattoonni DACA bara 2017 irraa eegalee MinnesotaCare argachuuf ulaagaa guutuu kan qaban yoo ta’u adeemsa iyyannoo adda ta’e (different application process) hordofu.
maria_640x360

Maria

  • Maria umuriin ishee 32.
  • Isheen Minnesota jiraatti, koolu galtummaafis gaafattee jirti, garuu hanga ammaatti hayyama hojii hin arganne.
  • Daa'ima ganna 10 kan iyyanni koolugaltummaa ishee guyyoota 180 hin guunne qabdi. 
  • Yeroo ammaa kana ofiin hojjettee waggaatti $ 27,000 argatti.
  • Ishee fi mucaan ishee inshuraansii fayyaa hin qaban.
  • Tarkaanfii itti aanu: Iyyannoo guutaa (Complete an application). Maria hayyama qaxarrii erga argattee boodaa, akkasumas iyyanni koolu-galtummaa daa’ima ishee guyyoota 180f erga hin xumuramne booda, jijjiirama kana garee Deeggarsa Fayyadamtootaa Eegumsa Fayyaa (Health Care Consumer Support team) Kutaa Tajaajila Namaatiif gabaasuu qabu. Mucaan ishee Gargaarsa Fayyaa argachuuf ulaagaa guutuu danda’a. Yoo ulaagaa guutte mucaa ishee MinnesotaCare irraa gara Gargaarsa Fayyaatti jijjiirsisuuf Isteetii waliin hojjechuu dandeessi.
 

Ani ulaagaa hin guutu

Yoo kunuunsa barbaaddanii fi inshuraansii kan hin qabne ta’e, ammallee filannoo qabdu.

Gargaarsi Yaala Fayyaa nama ulfaa kamiifuu haala immigireeshinii osoo hin ilaalin da’umsa booda ji’oota 12f, ykn yeroo da'umsaatiin booda ni argama. Gargaarsi Yaalaa Fayyaa Namoota Tajaajila Giddugala Miidhamtoota Dararamanii keessatti argataniifis ni kennama.

Seerota Gargaarsa Yaala Hatattamaa (Emergency Medical Assistance) guutuu dandeessu. Sagantaan kun namoota tokko tokkoof kutaa balaa tasaa keessatti ykn hospitaala keessatti yeroo kutaa balaa tasaa irraa seenan baasii kunuunsa hatattamaa kaffala.

Dandeettii kaffaltii keessan osoo hin ilaalin Giddugala Fayyaa Minnesota irraa kunuunsa fayyaa argachuu dandeessu. Buufata fayyaa naannoo keessan jiru www.mnhealthcenters.org/find-healthcare irratti barbaadaa.

Akkasumas, karaa Sagantaa Nageenya Insuliinii Minnesotaatiin insuliinii gatii xiqqaadhaan argachuuf ulaagaa guutuu dandeessu. Caalaatti mninsulin.org irraa baradhaa.

back to top