Kunuusa daa’immanii kan maatii, hiriyyootaa fi ollaa Minesootaatiif deggersa dhiheessina
Kunuunsa daa’imaa Maatii, Hiriyyaa fi Ollaa (FFN).
Kunuunsitoonni Maatii, Hiriyyaa fi Ollaa (FFN) tajaajila kunuunsa mana bu’ureeffatee fi sirna kunuunsa daa’immanii idileen ala kennamudha. Kunuunsitoonni kunis akaakoowwan,adaadottan, eessumman, namoota gurguddoo, obbolaa gurguddoo, hiriyyoota, ollaa, fi kanneen kunuunsa daa’imaa alidilee kennan biroo. Walumaagalatti, kunuunsitoonni FFN kunniin namoota daa’imman lakkoofsaan xiqqoo ta’aniif mana isaanii keessatti tajaajila kunuunsaa kennanii fi ulaagaa ykn dirqama heyyama baafachuu irraa bilisa ta’anidha. Irra jireeyyiin kunuunsitoota FFN hedduun kaffaltii hin fudhatan, muraasni ammo dhuunfaatti ni kaffalchiisu.
Dhiheessitoonni kunuunsa Maatii, Hiriyyaa fi Ollaa (FFN) daldala kunuunsa daa’immanii eyyama hin qabnedha.
Gosti kunuunsa daa’imaa baratamaan maalidha?Irra jireessaan naannoon kunuunsa daa’immanii baratamaan kanneen eyyama qaban miti. Kunis mana dhuunfaa bakka hojiin dhiheessaa kunuunsa daa’imaa heyyama hin qabnee fi ejensiiwwan hawaasaatiin hin to’atamnedha.
Irra jireessaan naannoon kunuunsa daa’immanii baratamaan kanneen eyyama qaban miti. Kunis mana dhuunfaa bakka hojiin dhiheessaa kunuunsa daa’imaa heyyama hin qabnee fi ejensiiwwan hawaasaatiin hin to’atamnedha.
Kunuunsitoonni Maatii, Hiriyyaa fi Ollaa daa’imman kunuunsan sanaaf akkasumas mataa isaaniitiif kaayyoo isaan akka kunuunsa daa’imaa kennan kakaasu qabu. Irra jireeyyiin kunuunsitoota FFN tajaajila kunuunsaa gosa kana kan kennaniif miira dirqama deggersa maatii, olla ykn hawaasa isaaniif qaban irraa ka’aniiti, akkasumas jaalalaa fi aantummaa daa’imman kunuunsan sana irraa ka’aniiti. Baay’een isaanii akka dhiheessaa kunuunsaatti of hin ilaalan inumaayyuu akka akkayaa, adaadaa, akkasumas hiriyyaa maatii yeroo dheeraa daa’imman jaalatan kunuunsaniitti of ilaalu. Kunuunsitoonni firootaa fi olla ta’an yeroo baay’ee maatii daa’ima kunuunsanii faana aadaa, afaan, akkasumas barmaatilee daa’imman uruursuu wal fakkaataa qooddatu. Kunuunsitoonni kunniin hawaasaa fi maatii isaanii keessatti namoota amanamoo, akkasumas ta’e jedhamee kunuunsa daa’immaniif keessumaa immoo daa’imman reefuu dhalataniif kan filatamanidha. Dabalataanis kunuunsitoonni kunniin yeroo baay’ee maatiiwwan yeroo hojii baratamaa hin taanee fi sa’atiiwwan murtaa’oo hin taane hojjetaniif, akkasumas obbolaan waliin tursiisuu, fi gatii madaalawaa barbaadaniif tajaajila ni kennu.
Akka ibsa Waajjira Karoora, Qorannoo fi Gamaggamaa (OPRE) Bulchiinsa Daa’immanii fi Maatii keessaa (ACF), Waajjira Tajaajila Namoomaa US tti Damee Qorannoo Kunuunsa Barnoota Duree (NSECE) tti bara 2019 keessa lakkoofsi kunuunsitoota FFN Minnesota keessa jiran 82,700 turan.
Akka dhiheessaa kunuunsa daa’immaniitti Sagantaa Kunuunsa Daa’immanii keessatti akka Seera qabeessummaa Eyyama hin qabnetti (LNL) galmaa’e malee kunuunsitoonni FFN daangeffamaa hin qaban. LNL n ulaagaalee murtaa’oo kanneen akka, qo’annaa dudduubee fi leenjii fayyummaa fi nageenyaa xumuruu akka guutan irraa eegama.
LNL ta’uun Sagantaa Deggersa Kunuunsa Daa’immanii (CCAP) keessatti hirmaachuun leecalloo dabalataa akkasumas maatii/guddistuu daa’ima isin kunuunsitanii irraa kaffaltii deggersaa akka argattan isin dandeessisa.
Ejensiiwwan Sagantaa Deggersa Kunuunsa Daa’immanii dhiheessitoota kunuunsa daa’imaa seera qabeeyyii garuu heyyama hin qabne kanneen daa’imman kan isaanii hin taane kunuunsan, garuu immoo miseensota maatii ilee ta’uu malan ni to’ata. Daawwannaan to’annoo kun dhiheessitoota kana faana yoo xiqqaate baatii 12 tti al tokko ni saganteeffama. Garuu addumatti kanneen daa’imman mataa isaanii kunuunsan (kana mirkaneessi) to’annoon kun hin ilaallatu.